Lammileen Oromoo bara Daani’eel Araap Mooyi Keeniyaa jiraataan yaadannoo maal qabu?

Your browser doesn’t support HTML5

Fulbaana bara 1924 dhalatanii Gurraandhala bara 2020 du’aan adunyaa kanarra ka darban Pirezdentiin Keeniyaa lammataa Daani’eel Toorooytiich Araap Mooyi harra sirni awwaalaa isaanii taasifamee jira. Mooyi lammilee biyyattii biratti kaan akka Abbaa Irreetti yoo ilaalan, kaan ammoo bara bulchiinsa isaanii ganna 24 barnoota fi bu’uraalee misoomaa biyyaaf nama diriirse jedhanii jaju. Biyyi Mooyi Keeniyaan duraanii kaastee baqattoota simataa turte. Kana keessaa baqattoonni lammii Oromoo tokko, kanaaf bara sana baqattoonni Oromoo keeniyaa jiraatan yaadannoo yeros qaban ni dubbatu. Fedhesaa Mikaa’el Hundeessa fi Derejjee Daadhii baqattoota Oromoo yeroo Mooyi keeniyaa bulchaa turan Naayiroobii jiraataa turanidha. Lameen isaaniiyyu baras baqattootaaf haalli jiruu baayyee rakkisaa ture jedhu. Keessumaa poolisoonni baqattoota qabuun sarbama mirgaa hedduu irratti raawwataa akka turan dubbatu.