Addi Bilisummaa Oromoo haala yeroo ammaa deemaa jira jedhu irratti har’a waajjira isaa muummicha Finfinnee jirutti maddeen oduuf ibsa kenneen godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti, keessumaa Godina Addaa Naannoo Oromiyaa keessatti miseensotni isaa 350 tahan mootummaan hidhaman, jechuun.
Magaalaalee akka Buraayyuu, Sabbataa, laga Xaafoo, Bishooftuu, Caancoo fi ka biroo keessa akka miseensonni ABO qabamaa jiran dubbatu – hoogganoonni dhaabichaa. Godinaalee Komand Poostii jalatti bulfamaa jiran keessattis, “tajaajilli quunnamtii irraa kutamee, ajjeechaa, saamichaa fi humnaan gudeeddii uummata meeshaa-maleeyyii irratti geggeessamaa jira,” jechuun komatan.
Himannaalee ABOn har’a dhiheesse kanaaf, hoogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa deebii kennanii jiru. Caqasaa.
Your browser doesn’t support HTML5