WAASHINGITAN, DIISII —
Itiyoophiyaan daandii badisaa fi addaan faca’uutti qajeelaa jirti – jechuun, Koreen Giddu-galeessaa Adda Bilisummaa Uummata Tigriraay (TPLF) ibsa baaseen beeksisee jira.
Paartichi waggaa 45ffaa hundeeffama isaa Guraandhala 11 ilaachisuudhaan ibsa baaseen kana beeksise. Miseensota isaa gameeyyiifis badhaasa kennee jira.