Qophii Filannoo fi Rakkolee Mumul’atan. Kutaa 2ffaa

  • Jaallannee Gammadaa

(Suuraa faayilii)

Paartiin Izemaa deemsa filannoo duraa kana keessatti haala attamii keessa jira? Dura ta’aa Izemaa kan ta’an Dr. Birhaanu Paartii biyya bulchaa jiru Badhaadhina caasaan sadarkaa gadii maallaqa sassaabachuuf karaan deemaa jiru dirreen filannoo madaalawaa akka hin taane godhe jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa Dirqiin maallaqa kennaa jechuun daldaltoota gaafataa jira jechuun haala Adaamaa keessatti uumame akka fakkeenyaatti ibsan. Daldaltonni jaalala paartiif qabaniif otoo hin taane bor-egeer dilaallii guddaan nu irratti ramadama jechuun sodaatanii maallaqa gaafataman kennu jedhan.

Paartii badhaadhinaa irraa Obbo Awwaluu Abdii kana irratti deebii kennaniin dirqisisnee hin fudhannee, warra fedhaan nu kennan immoo ni galateeffanna jedhan.

Bordiin filannoo gama isaan iyyata paartileen dhiyeeffatan mara argachuu isaa ibsee qaama dhimma isaa qoratuutti dabarsuu isaa fi furmaata barbaachuuf kan jiru ta’uu ibseera.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Qophii Filannoo fi Rakkolee Mumul’atan. Kutaa 2ffaa