Dr. Kaatriin Hamin Du’aan Boqatan

Dr. Kaatriin Hamin, bu’ureesituun dhaabbta Fiistullaa Kaatriin Hamin fi dubartoota Itoophiyaa kumaan lakkaawwamaniif tajaajila baqaqsanii hodhuu fiistullaa kennaa turan dhu’aan boqachuu dhabbanii isaanii karaa marsariitii isaa beeksiseera.

Dr. Kaatriin dargaggummaa isaanitiin gara Itoophiyaa dhaqanii oggoota 61 darbaniif tajaajila keennaa turan.

Lammiiwwan Itoophiyaa hedduun gadda du’a Dr. Kaatriinin itti dhagahame karaa miidiyaalee hawaasummaa ibsaa jiran.

Dr.Kaatrin oggaa 96 ti mana isaanii Finfinnee jirutti Roobii kaleessaa du'aan boqatan.