Peeruun Faca’insa Vaayiresii Koronaa Dhaabuuf Konkolaataa Dhuunfaa Irra Uggura Keesse

  • VOA

Peeruu, magaala Liimaa

Peeruun faca’insa Vaayiresii Koronaa dhaabuuf carraaqqii gootuun, har’a irraa jalqabdee itti-fayyadama konkolaatota dhuunfaa irra uggura keessee jirti.

Prezidaantiin Peeruu, Maartiin Vikaaraa, tarkaanfii kana fudhachuuf sababaan mootummaa isaanii kakaase, dargaggoota halkan bakkawwan waliin-bashannanaa deeman keessatti kanneen vaayiresichaan haarawa qabaman argamuu isaanii ti.

Tarkaanfiin sochii sa’atiin ugguru, kan kaleessa jalqabame kun, akka lakkoobsa biyyattiitti galgala sa’atii saddeet irraa jalqabee hanga ganama sa’atii shaniitti akka konkolaatonni dhuunfaa hin sochoone taasisa.