Ilmi Mootii Briteen Vaayiresii Koronaan Qabaman

  • VOA

Priinsi Chaarles

Ilmi mootiittii Briteen, Priinsi Chaarles vaayiresii Kornaan qabamuun isaa beekamee jira. Ibsi har’a achi irraa bahe akka jedhutti, mallattooleen vaayiresichaa sasalphaan irratti mumul’atee jira. Kana irraa kan hafe, haalli fayyaa isaanii gaarii irra akka jiru tu himame.

Haati warraa isaanii, Kaamilaan qoratamanii, vaayiresicha irraa walaba tahuun beekamee jira. Lameenuu, mana isaanii Skootlaand jiru keessatti, nama irraa qofaatti of baasanii jiru.

Priinsi Chaarlisi, torbanneen as dhihoo keessa walgeettii hedduutti waan hirmaataa turaniif, eenyu irraa fi akkamitti akka vaayiresichi itti dabre beekuun hin danda’amu ibsi bahe sun.