Lammiiwwan Itiyoophiyaa Kuma Tokkoo fi Dhibba Sagal Jabuutii Irraa Biyyatti Deebisaman

  • VOA

Magaala Dirree Dawaa

Namoonni Jabuutii irraa gara biyyaatti deebisaman 1900 ga’uu bulchiinsi Dirree Dhawaa beeksisee jira. Namooni deebi’an kun addaan baafamanii Yuniversitii Dirre Dhawaa keessatti kuniinsi godhamaafii jira.

Eeyama seeraa kan hin qabaannee fi lammiiwwan Itiyoophiyaa Jabuutii jiraataa turan xumura turban darbee gara biyyaatt seenuu jalqabuu isaanii fi lakkoobsi isaaniis 1875 ga’uu bulchiinsi Dirre Dhawaa beeksiseera. Itti gaafatamaan xiqqeessuu soda balaa bulchiinsa Dirre Dhawaa obbo Harbii Buhi, bakka midhaan kuusan kan magaalattii ala jiru keessa torban darbe namoota 814 dabalatee kanneen 1457 ta’an hawaasattii adda ba’anii deggersi barbaachisu godhamaafii jira jedhan.