Kooriyaan Kaabaa Vaayiresii Koronaa Irraa Walaba Jechun Ishee Fudhatama Hin Qabu: Ajajaa Waraana Ameerikaa

  • VOA

Kooriyaan kaabaa biyya koo keessa vaayiresiin koronaa tokko iyyuu hin jiru kan jetti ajajaan waraanaa US kan Kooriyaa kibbaa keessaa hin simadhu jedhan. Akkaataa amma argaa jirutti kun waan danda’amu miti jechuu dhaan General Robert Abrams VOA akkasumas CNNf ibsaniiru.

Addunyaa mara waliin ga’u iyyuu Koriyaan kaabaa irra deddeebi’uu dhaan vaayiresii koronaa irraa walaba ta’uu ishee dubbatti.