Temesgen Fiqaaduu , Dargaggoo Meeshaa Tuttuqqaa Harkaatiin Ala Harka Ittin Dhiqatan Uume

  • Tuujubee Horaa

Temesgen Fiqaaduu , Dargaggoo Meeshaa Tuttuqqaa Harkaatiin Alq Harka Ittin Dhqatan Uume

Godina Wallaggaa bahaa magaalaa Naqamtee keessa kan jiraatu dargaggoon waggaa 26 Temesgen Fiqaaduu meeshaa tuttuqqaa harkaatiin ala miillaan itti bu’uu dhaan bishaan fi samunaa dhangal’aa buusu hojjetee torban lama dura tajaajilaaf uummataaf dhiyeessee jira

Meeshaan harka ittiin dhiqatan kunYeroo ammaa baankilee, hospitaalotaa fi manneen nyaataa akkasumas waajjiraaleen mootummaa harka dhiqachuuf meeshaa miillaan itti bu’anii bishaan buufatu kanaan fayyadamaa jiru jedha Temesgen.

Meeshaa harka ittiin dhiqatan kana hojjechuuf kan na kakaase ennaa vaayiresiin Koronaa hammaataa adeemetti uummati of eeggachuu akka qabu waan natti dhaga'ameef, akka lammii tokkkootti anis qooda gama koon ba'a kan jedhu natti dhaga'amnaani jedhe.

Temesgeen itti aansuu dhaan funyaanii fi afaan haguuggachuuf kan oolu maaskii hojjetaa kan jiru ta'uu ibsee, ennaa lakkoobsi oomisha koo heddummaatu uummataaf gatii salphaa dhaan raabsuuf qophee irran jira jedhe.

Your browser doesn’t support HTML5

Temesgen Fiqaaduu , Dargaggoo Meeshaa Tuttuqqaa Harkaatiin Ala Harka Ittin Dhiqatan Uume