Amerikaa Keessatti Dhukkubii Koranaa Hammaachuuf Jira

  • VOA

Torbanneen dhufan kun rakkisaa ta'uuf kan jiru ta'u aangawaan Amerikaa Dilbata kaleessaa ibsanii jiru.

Kunis jireenya lammiwwan Amerikaa irra jireessa biratti yeroo hamaa fi Gaddisiisaa akka ta'u itti gaafatamaan gameessii waa'ee wal'ansa fayyaa uummataa guutuu Amerikaa Jeeroom Adams dubbatan.

Prezidaantiin Amerikaa dukkana kana booda ifatu jira jedhu.

Ogeessii eegumsa fayyaa Dr. Antonii Faawchii gama isaaniin uummanni mana keessaa akka hin bane dhorkuun bu'aa isaa baruun yeroon isaa hin geenye jedhu.