Tokiyoon Labsii Yeroo Hatattamaa Labsitee Jirti

  • VOA

Jaapaan biyya ishee hanga tokko jechuun magaalaa Tokiyoo fi magaalaalee kanneen biruu 6 keessatti labsii kana hojii irra oolchiiti,

Kunis baatii tokkoof hojii irra kan oolu yoo ta'u aangawoonni uummanni akka mana keessa turu gochuuf gargaara jedhu.

Gama kaaniin mummichi ministeera Briteen Booris Jaansan turban dabree vaayrasii koronaan eega qabamanii booda kaleessa hospitaala seenuun gabaafamee jira.

Yeroo amma immoo kutaa hospitaalichaa kan wal'ansa hatattamaa fi wal irraa hin cinnee kennamuutti galchaman.

Angawoonni Amerikaa gama isaanii kutaalee biyya isaanii vaayrasiin koronaa akka hamaatti midhee keessatti tarii lakkoobsii namoota haaraa qabamanis ta'e du'anii gad bu'u malaa/ jechuun hordifaa jiru.