Gamtaan Afriikaa Sababaa Vayiresii Koronaan Kan Ka’e Dinagdeen Ardittii Kufaatii Keessa Seenuu Mala Jedhe

  • VOA

Gamtaan Afriikaa dinagdeen ardittii wagga kana dhibba irraa harka 0.8 gad bu’uu mala jechaa ennaa jiru kanatti ministeeronni dhimma maallaqaa Afriikaa kamisa dhuftu gama vidiyoo konferensiin wal arguu dhaan mala ittiin dinagdee balaa irraa oolchuu danda’amu irratti mai’achuuf jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gamtaan Afriikaa Sababaa Vayiresii Koronaan Kan Ka’e Dinagdeen Ardittii Kufaatii Keessa Seenuu Mala Jedhe

Qorattoonni gamtaa Afriikaa dhiibbbaa vaayiresiin koronaa yeroo ammaa daldala, deddeebii maallaqaa, tuurismii irratti qabaatee fi gatiin boba’aa addunyaa kufe irraan kan ka’e ardittiin wagga dhuftu kufaatii addunyaa keessa akka seentu amananii jiran.

Gabaasi gamtaa Afriikaa kan VOAf ergame akka tilmaametti mootummoonni daldala irraa doolaara biliyoona 270 dhabuuf jiru. Gabaasi duraan Reutersn ba’e akka jedhutti mootummoonni vaayiresii koronaatti duuluuf yoo xiqqaati doolaara itti dabala biliyoona 130 barbaadu.

Dhaaba qorannaa Afriikaa kibbaa NKC jedhu irraa hayyuun siyaasa dinagdee gameessi Franswaa Kenredii akka jedhanitti mootummoonni Afriikaa dhiibbaa vaayiresiin koronaa qabu dura dhaabbachuuf humna cimaa hin qaban jedhan.