Paartiin Mormituu Tigraay Keessaa Murtii Boordii Filannoo Hin Fudhadhu Jedhe

  • VOA

Paartiin mormituu Tigraay keessa sosso’u kan Saalsaay Weyyaanee Tigraay jedhamuu ibsa kaleessa kenneen Hagaya 23 bara 2102 geggeessamuuf kan ture filannoon biyyoolessaa yeroon isaa akka dheereffamuuf ibsa boordiin filannoo baase hin fudhannu jedhee jira. Paartichi mootummaan biyya bulchuu filannoon utuu hin geggeessamin itti fufuu heera biyyaa cabsuu qofaa utuu hin taane mirga sabaa fi sablammoonni hiree ofii murteeffachuu kan cabsuu fi seera federaalizimii walitti isaan fidu illee kan addaan kutu jedha ibsi sun.

Ibsichi itti dabaluu dhaan boordiin filannoos faallaa seeraa kan ta’eef aangoo isaaf hin kennaminiin yeroo filannoo dheeressuu hin danda’u jedha. Mootummaan biyyattii heera irratti hundaa’uun filatame yeroo waggoota shanii qofaa kan qabuu fi kana immoo boordiin filannoo dheeressuu hin danda’u jedhee jira jedha Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa.