Seera Labsamee Kan Hin Kabajnee Seeraan Gaafatama

  • VOA

Haadha alangaa mummittii kan federaalaa ,Aaddee Adaanach Abeebee

Itiyoophiyaan sababaa faca'iina vaayrasii koronaa ittisuuf labsiin turban dabree labsitee hojii irra oolchuuf seera dandeesiisuu baafte jirti.

Haatii alangaa mummittiin kan mootummaa federaala Itiyoophiyaa Aaddee Adaanech Haabeebee akka ibsanti seerri ba'e waan gochuun danda'amuu fi hin danda'amne adda baasee kaa'ee jira.

Dhaabbatonni omishaa kanneen tajaajiila bu'uraa kennan dhaabuu ykn danquu hin danda'an.

Uummanni manaa ba'e yeroo adeemu fageenya eeguu qaba jedhamee kabajuu fi waan afaanii fi funyaan ittiin aguugan qabaachuundirqama ta'uun ibsamee jira.

Namoonni wal-irraa fageenya labsamee hojii irra hin olchiine seera ba'een akka gaafataman ibsamuu isaa oduugabaasaan VOA Mallaskaachoo Ammahaa Finfinnee irraa gabaasee jira.