Biyyoota Afrikaa Bahaa fi Waaltaa Weerara Hawwaanisaan Hanqiina Wabii Nyaataa Saxilamaa Jiran: FAO

  • VOA

Gara jalqaba waggaa kanaatti midhaan facaafame kan Afrikaa keessaa hanga tokkokan mancaasee weerarri Hawwaanisaa baadiyyaa biyyoota Afrikaa keessattis irra deebi'ee midhaa kan jiru ta'u jaarmayaan nyaataa fi qonnaa kan Tokkummaa Mootummootaa beeksisee jira.

Waggootii kurna hedduu keessatti yeroo jalqabaaf weerarri Hawwaanisaa guddaan Afrikaa waaltaa fi bahaa keessatti badii guddaa geesiise.

Robnii hamaan baatii Bitooteessa keessa ture kutaa sana keessatti Hawwaansii marsaa marsaanbadii akka geesisuu taasiise.

Iddoo hanga tokko keessatti immoo weerara ammaan dura baratamee dacha 20 dabalee jedha jaarmayaan kun.

Kanaaf jecha wabii nyaataa fi jireenya uummataa irratti sodaa ammaan dura hin beekamne uumee jira.

Keessumaa Itiyoophiyaa, Keniyaa fi Somaaliyaa keessatti jedha jaarmayichi.

Yeroo amma immo weerarri dhukkuba Kooviid-19 hammaachuun haala kana daran kan hammeessuu ta;uun ibsamee jira.