WAASHINGITAN, DIISII —
Prezidaanti Doonaald Traamp seera tumtoonni kaadhimamaa isaan taayitaa ol aanaa bulchiinsa isaanii kan Raadiyoo sagalee Ameerikaa hoogganu dabalatee dhiyeessan waan hin raggaasisiniif yaa’ii dhaaf kongresii waamuuf dhaadatan.
Traamp akka jedhanitti keeyyata heera US irra jiru kan ennaa aala akkaan barbaachisu prezidaantiin senetii ykn kongresii waamuu danda’a jedhu tuquu dhaan aangoo cimaan qaba jedhan.
Senetiin ykn hojii isaa fiixaan baasee kaadhimamaa ani dhiyeesseef sagalee kennyy ykn immoo sirnaan hojii itti fufee kaadhimamaa koo bakka isaan hin jiraannetti filaa jedhan Tramp.