Uummanni miliyoona 58.8 ta’u kan naannoo addunyaa sababaa walitti bu’iinsa, hookkaraa fi balaa uumamaan kan ka’e biyya ofii keessatti qe’ee irraa kan buqqa’an ta’uu gabaasi haaraa ba’e beeksisee jira.
Your browser doesn’t support HTML5
Gabaasi waaltaa dhimmootii namoota biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa buqqa’anii qoratuun ba’ee maxxanfame kun akka jedhetti uummata miliyoonni 33.4 haraan bara 2019 keessa qe’ee ofii irraa kan buqqa’an yoo ta’u lakkoobsi kunis erga bara 2012 qabee isa guddicha.
Akka gabaasa kanaatti Siiriyaa, Kolombiyaa, Ripaablikii Dimokiraatawaa Koongoo, Yemen fi Afgaanistaan uummata walitti bu’iinsa fi hookkaraan qe’ee ofii irraa buqqa’an kanneen million 45.7 ta'an keessaa irra hedduu dha.
Irra hedduun qe’ee irraa godaanuu kan wagga darbee, sababa walitti bu’iinsaa fi hookkarri haaraan dhiya Afriikaa fi Saahel akkasumas walitti bu’iinsawwan naannoo kan Afriikaa waaltaa fi gaanfa Afriikaa keessaatti uumameen ta’uu Daayirikiterri waaltaa to’annoo namoota biyya ofii keessatti qe’ee irraa godaananii Alexandra Bilek VOAf ibsaniiru.