Daldalaawwan Ameerikaa Keessaa Hangi Tokko Of Eeggannoo Dhaan Banamaa Jiran

  • VOA

Kutaaleen yunaayitid isteetis hangi tokko lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan qabamanii dabalaa adeemus daldala isaanii banaa jiran. Dhibee ujummoo qilleensaa hamaa fi akkaan daddarbu kanaan yunaayitid Isteetis keessaa namoonni 55,000 ol du’aiiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Daldalaawwan Ameerikaa Keessaa Hangi Tokko Of Eeggannoo Dhaan Banamaa Jiran

Miliyoona tokkotti kan hedaman immoo vaayiresii kanaan qabamaniiru. Bulchitoonni kutaalee biyyaa vaayiresii fayyummaa uummataaf balaa ta’e kanaaf rakkoo dinagdee wal bir qabanii ilaaluuf yaadaa jiran.

Sababaa namoonni manaa akka hin bane ittifamaniif uummata miliyoona 26tu baatii darbe keesssa hojii isaanii dhaban.