WAASHINGITAN, DIISII —
Jarmayaan koolu-galtootaa addunyaa IOM lammiiwwan Itiyoophiyaa 11 kanneen konkolaataa namoota seeraan ala deddeebisan keessatti itti cufamee ture keessaa lubbuun hafan biyya ofiitti akka deebi’an gargaaruun isaa gabaasamee jira.
Kanneen fi koolu-galtoonni ka biroon konkolaaticha keessatti du’an erga konkolaataan kun baatii Bitootessaa keessa daangaa Maalaawii fi Moozaambik ce’ee booda argaman.
Hojiin kun ka mootummaa Itiyoophiyaa fi mootummaa Moozaambikiin qindaa’ee koolu-galtoota Afriikaa balaa irraa oolchuuf Gamtaa Awrooppaatiin deggerame.
Your browser doesn’t support HTML5