Balaan Xayyaaraa Somaaliyaa Keessatti Mudate Lubbuu Namootaa Galaafate

  • VOA

Somaliyaa naannoo kibba gama dhiyaa magaalaa Bardale cinatti xayyaarri tokko kufee caccabuu isaan namoonni ja’a du’uu angawoonni Somaaliyaa beeksisaniiru.

Ministeerri geejjiba naannoo Hassan Huseen VOA saganta Afaan somleef akka ibsanitti xayyaarattiin meeshaalee wal’aansa fayyaa, saapana bookee busaaa of irraa ittisanii fi meeshaalee a biro magaalattiif geessaa turte.

Sababaan balaa Sanaa qoratamaa jidraachuun gabaasameera.