Wal-dhibdee Mootummaa fi WBO Gidduu Jiru Karaa Nagaan Furuuf Yaaliin Jalqabame Sababaa Vaayirasii Koranaan Itti Fufuu Hanqate, Jedhame 

Wal-dhibdee Mootummaa fi WBO Gidduu Jiru Karaa Nagaan Furuuf Yaaliin Jalqabame Sababaa Vaayirasii Koranaan Itti Fufuu Hanqate, Jedhame 

Qaamni Koreen Fala Barbaachaa Oromoo fi Oromiyaa jedhamu wal-dhabdeen mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo karaa nagaan akka furamu haala mijeessuu ka yaalii jalqabe tahus, sababa weerara vaayirasii Koroonaatiin sochii isaa itti fufuu akka hin danda’iin dura-taa’aan Gumii Abbootii Gadaa Oromiyaa, Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti dubbatan.

Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa maqaa 'Jaal Marroo' jedhamuun beekaman, Kumsaa Dirribaa immoo “Mootummaan rakkoo kana furuuf qophii hin qabu” jedhan. Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa gama isaaniin, "waraanni Shanee', yoo harka kennatanii karaa nagaan galuuf fedhii qabaatan tarkaanfiin addaa irratti fudhatamu hin jiru” jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Wal-dhibdee Mootummaa fi WBO Gidduu Jiru Karaa Nagaan Furuuf Yaaliin Jalqabame Sababaa Vaayirasii Koranaan Itti Fufuu Hanqate, Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Kutaa 2ffaa: "Wal-dhibdee Mootummaa fi WBO Gidduu Jiru Karaa Nagaan Furuuf Yaaliin Jalqabame Sababaa Vaayirasii Koranaan Itti Fufuu Hanqate"