Balaan Lolaa Bishaanii Ummata Naannoo Somaalee Hedduu Qe’ee Irraa Buqqaase

  • VOA

Faayilii - Namootaa Godeetti buqqahanii qarqaarsa eeggatan, Bara, 2018.

Sababaa balaan lolaa godinaalee adda addaa mudateen kan ka’e uummanni 50,000 ol ta’u torbanneen lamaan darban keessa qe’ee ofii irraa buqqa’uu mootummaan naannoo Somalee kan Itiyoophiyaa keessaa beeksisee jira.

Itti aanaa hoogganaan bulchiinsa dhimmootii yaaddoo balaa naannoo Somaalee Sadik Abdulkaadir Heliif VOAf akka ibsanitti balaa lolaa uumameen namoonni kudhan du’aniiru jedhan jechuu dhaan Addis Chekol gabaaseera.