Itoophiyaan guyyaa tokkotti namoota Vaayirasii Koroonaan qabaman isa ol’aanaa galmeessuu ishee har’a beeksiste.
Your browser doesn’t support HTML5
Qorannaa laaboraatoorii sa'aatii 24 keessatti namoota 1,775 irratti gaggeeffamee keessaa namoota 35 irratti vaayrasiin Koroonaa argamuu Ministarri Ministeera Fayyaa Itoophiyaa Doktor Liyaa Taaddasa beeksisanii jiru.
Muummeen Ministira Itoophiyaa Abiyyi Ahmadis miidiyaa hawaasummaa fuula Feesbuukii isaanii irratti Weerara Koroonaa dabalaa dhufe ittisuuf “Itiyoophiyaanonnii fi warri Itoophiyaatti argaman hundi qajeelfamoota ittisaa vaayirasichaa akka hojii irra oolchan waamicha dhiyeessanii jiru. Oduudhuma wal qabateen, Godina Shawaa Lixaa magaalaa Giinciitti Sanbata dabre, yeroo duraatiif namootni vaayirasii Koroonaan qabaman lama argamuu Itti aanaa itti-gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaaa godinichaa beeksisaniiru.