‘Waldhabdee Humnoota Nageenyaa Jibuutii fi Konkolaachistoota Itiyoophiyaa jidduutti Mudateen Hojiin Adda Citee Jira’

Faayilii - Konkolaataa bishaan fe'u, Moyyaalee Oromiyaa, Bara 2006

Kaleessaa kaasee Waldhabdeen konkolaachistoota Itiyoophiyaa fi qaamolee nageenyaa mootummaa Jibuutii jidduutti mudate tajaajilli fe’umsa meeshaalee Itiyoophiyaaf Buufata Jibuutiitti kennamu akka adda citu taasisee jira.

Waldhabdeen kun kan uumame, buufatni doonii Jibuutii bakka konkolaachistoonni Itiyoophiyaa dhaqanii mi’a buusanii fi fuudhan humnaa ol dhiphachuu ta’uu bakka bu’aa waldaalee geejjibaa kan Itiyoophiyaa tokko VOA’f himanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Waldhabdee Humnoota Nageenyaa Jibuutii fi Konkolaachistoota Itiyoophiyaa jidduutti Mudateen Hojiin meeshaa Jibuutiidhaa Itiyoophiyaaf Fe’uu

Yeroo kana konkolaachistoonni Buufata Jibuuutiitti sirnaan tajaajilamaa hin jirruu jechuun iyyannaa utuu dhiyeeffatanii qaama naga kabachiiftota Jibuutii waliin walitti bu’anii name tokko konkolaachistoota keessaa miidhamuu himan. Konkolaachistoonni yeroo kana yeroo dheeraaf terminaala Buufata dooniirra akka tursiifaman, kunis kooronaaf saaxilamuu dabalatee balaa kaan kaaniif isaan saaxilaa waan jiruuf hojii meeshaa biyyaaf fe’uu guutummaatti dhaabuu himan. Humnootni nageenyaa Jibuutii konkolaachisaa Itiyoophiyaarraan balaa geessisuunis dheekakmsa kaan fiduu himanii rakkoo mudate kanaaf angawaan mootummaa Itiyoophiyaa fi Jibuutii marii gaggeessanii jiru. Obbo Muluqen Birhaanuu Itti aanaan Itti gaafatamaa Koree Waldaalee Geejjibaa Itiyoophiyaa Jibuutii jiranii, rakkoo kaleessa Buufata dooniitti mudateen lammii Itiyoophiyaa tokkorra balaan dhaqqabuu odeeffannoon isaan dhaqqabuu beeksisan. Dhimmi kanas harra anagawoota mootummaa Jibuutii waliin mariyanneerrallee jechaan dabalataan ifoomsan

Obbo Muluqen yoo dubbatan, “Meeshaan fe’umsa buufatarratti fe’u miidhamee waan tureef mootummaa Jibuutiirraa warri argaman meeshaan kun dhiyootti suphamee rakkoon furama nuun jedhanii jiru argamanii, gama biraan Konkolaachistoonni dirqami biyyaa itti kennamee mootummaan Jibuutii buufatarratti garuu sirnaan nu tajaajilaa hin jiruu, bakka Buufata doonii kana manneetiin nyaataa hin jiran jedhanii komii dhiyeeffatanii jiruu, gama Jibuutiirraa warri argaman yeroo dhiyootti waan kana furra jedhanii jiru; kan ilaallu ta’a sana’’ jechuun dubbatu.

Obbo Muluqen maree kanarratti Konkolaachsitoonni Itiyoophiyaa bakka bu’aa isaanii hirmaachuu eeranii hojiin mi’a Itiyoophiyaaf Jibuutiirraa fe’amu ka amma adda cite jiru akka jalqabamus walii galameera jedhan.