Dhaabbatni As Ameerikaa Maadheffate Tokko Ittisa Weerara COVID 19f Meeshaalee Birrii Miliyoona 11 Baasu Itiyoophiyaaf Kenne

Kan teessoon isaa Yunaayitid Isteetis tahe dhaabbanni “Global Alliance” yokaan Tumsa Idil-addunyaa Mirga ltoophiyaanotaaf jedhamu teessoon meeshaalee adda adda ittisa weerara COVID 19f oolu Ministara Fayyaa Itiyoophiyaaf kennee jira.

Dhaabbatichatti qindeessaan koree deggersa walitti qabuu, Obbo Ammahaa Mekonnin, meeshaaleen deggersaa kennaman kanneen Birrii Itiyoophiyaa Miliyoona kudha tokkoon bitaman tahuu dubbatan.

Ministarri Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa Dr. Liyaa Taaddessee deggersa kennameef galata dhiheessuun, gochaan tola-ooltummaa akkanaa akka itti fufus waamicha dhiheessanii jiran.

Gabaasaa guutu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Dhaabbatni As Ameerikaa Maadheffate Tokko Meeshaalee Birrii Miliyoona 11 Baasu Itiyoophiyaaf Kenne