Musliimonni Kameeruun Ajaja Mootummaa Irra Daebuu Dhaan Enaa Ayyaana ID Al FATIR Sagadaaf Wal Ga’an

  • VOA
Magaalaa galma mootummaa Kaameeruun kan Yaahundee keessaa COVID-19 akka hin facaane ittisuuf kan mootummaan sagadi ID Al Fatiir  bakka uummanin wal ga’utti akka hin geggeessine ajaje didanii jiran.

Kameeroon keessaa baatii sadii yeoo hin guunne keessatti namoonni 4,400 vaayiresii koronaan yoo qabaman 197 kanneen ta’an du’ajiiru. Uggurri sochii kan labsame erga sa’aatii 24 keessatti namoonni 500 ol vaayiresii Koronaan qabamanii booda.

Your browser doesn’t support HTML5

Musliimonni Kameeruun Ajaja Mootummaa Irra Daebuu Dhaan Enaa Ayyaana ID Al FATIR Sagadaaf Wal Ga’an

Angawaa gameessi mootummaa Kameeruun Mamadi Mahamat gama app ergaa ittiin dabarsan kan “messaging application” jedhamuun mana ofii Yaahundee jiru irraa egaa dabarsaniin akka jedhanitti musliimonni hagas heddummaatan mootummaan kadhannaan Eid al Fitr baranaa bakka uummati itti wal ga’utti akka hin geggeeffamne jechuun qajeelfama lafa kaa’e irra darbuu dhaan akkuma duraan baratame amantoonni kumaan laka’aman kadhataaf ba’uun na ajaa’ibe jedhan.

Mahamat akka jedhanitti erga uummanni kumaan laka’amu qajeelama isaanii, kan manatti akka sagadaniif dabarsan diduu hdaan bakkkuma sagada keenyaatti kadhanna jechuu dhaga’anii booda, poolisiin bakka kadhannaa ijoo uummati itti wal ga’u lama kan Yaahundee keessa jiru Musliimonni akka hin seenne akka mirkaneeffatu gaafadheera jedhan. Imaamonnii fi hogganoonni musliimaa Yaahundee keesaas masgiidota 42 konyaa sana keessa jiran keessaa sadii qofaatti akka sagadamuuf cicha galan kabajuu qabu turan jedhan.