WAASHINGITAN, DIISII —
Mootummaan Keeniyaa tamsa’insa Vaayirasii Koronaa ittisuuf carrqqii godhuun ganda iyyeessaa Naayiroobii keessaa jirtu ka Somaalonni itti heddummaatan – Iistlii irra ugguura ka'e jira.
Kanaaf jecha itti seenuu fi keessaa bahuun hin danda'amu jedhu jiraattonni.
Uggura kaa’ee ture sana torban lamaaf eega dheeressee booda jiraattonni ayyaana Ramadaaanaa yokaan ID-AL-FAXIR uggura keessatti ka kabajan tahuu dubbatu.
“Haala akkanaatti ayyaana Ramadaanaa kabajamu jireenya keenya keessatti arginee hin beeknu,” jedhu – maatiileen tokko tokko.