Yuujin Baayen dubbi himtuun dhaabbata UNHCR, Dadaab keessattis baqattoota ka ta’a nami jaha dhibee kanaan faalamuu mootummaan nuuf mirkaneesseera jette.
Baayen yoo ifoomsites, Baqattootarratti dhiibbaa fiduu waan maluuf dhibeen kun Kaampii keessatti argame hin jedhu, namootni kunis amma adda baafamanii waan jiraniif. Haga yoonaatti garuu akkan odeeffannoo qabuun namootni jaha jiraattota kaampichaa ka tahan irratti dhibeen ku nargamee jira. Namootni kun martuu adda baafamanii jiru; nageenyi isaaniis haala gaariirra jira. Namoota isaan wal argan maras adda baafnee bakka addaa keenyee jirra jechuunis ibsite.
Dursaan hawaasa baqattoota Oromoo Dadaabis, Buufata Baqataa bakka nami baayyeen walitti hedduummatee jiraatutti dhibeen akkasii argamuun rakkisaa ta’uu dubbatan. Waa’ee namoota Dadaabitti dhibeen kun irratti argamees yoo ibsan dursa namoota lamatu Somaaliyaa gara Dadaab seenee jedhu. Sana booda warra lameen keessaa takka maatii isaan waan wal argeef dhibee kana maatii isaa keessaa nama sadii qabsiisuu himu. Dabalaniis yoo dubbatan Dadaab daangaa biyyoota lameeniitti dhiyaatee argamuun ammo eenyu akka dhukkuba kanaan qabamee fi hin qabamne adda baasuun rakkisaa taasisa jedhan.
Dhumarrattis dhibeen daddarbaa fi lubbuu namaa salphaattii galaafatu kun Dadaab keessatti argamuun baqattootaaf sodaa guddaadha jedhan. Keessumaa warri hojii Guyyaa guyyaan maatii bulfatu rakkoo jabaa keessa bu’ee jechaan dabalanii dubbatu.
Akka UNHCR jedhutti ammas Dadaab keessa namoota kuma dhibba 200 olti jiru. As keessa ka jiraatan baqattoonni Oromoo dhibeen kun Dadaab keessatti mullachuun nuuf yaaddoodha jedhu. Xayyib Kadiir Baqataa Oromoo ganna 11f Dadaab ka jiraatan; abbaa maatii shaniitis. Dhibeen kun keessumaa ganda isaan jiraatanitti argamuun baayyee akka isaan yaaddessu dubbatu.
Obbo Xayyib dhaabbileen gargaarsaa dhibee kana ilaalchisee odeeffannoo namaaf himaa jiraatanus, baqattoonni garuu odeeffannoottis dabalata gargaarsa isaaniif malu fedhu sanammoo haguma malullee argataa hin jiran jedhuu.
Keeniyaa Kaaba Lixaa Kutaa bulchiinsa Turkaanaa keessas baqattoota kuma dhibba tokko fi kuma sagaltamaa oltu jiruu jedha UNHCR. Ganda kana keessas baqattoonni Itiyoophiyaa ka jiran yoo ta’an, Kaakumaa naannoo Kaaloboyee ka jiraatu baqataan Oromoo obbo Galgaloo jedhaman dhibee kanaan qabatee haalli buufata baqataa keessa jiru ulfaataadha jedha.
Obbo Galgaloon bara 2017 kaasanii Kaakumaa akka jiraatan himanii yeroo muddamaa kana keessa gargaarsi baqattootaaf male sirriitti hin dhiyaannee jechuunis komatu.
Baqattoonni Buufata lameen keessa jiraatan gargaarsi midhaan nyaataa karaa jaarmayaa dhiyeessa midhaan nyaataa mootummoota gamtoomanii WFP akka isaaniif kenname dubbatu. Haa ta’u malee ji’a lamaaf ta’a jechaan tilamaamamee waanni nuuf laatame gahaa miti jedhu. Bahanii hojjeetatanii akka duraanii maatii bulfachuuf waanti nuuf tahus hin jiru bakki baayyeen cufaadha jedhu. Gama biraan
aguuggiin afaanii ka dhibee kanarraa of oolchuuf nami Afaan fi funyaan irratti kaayatus baqataaf haga barbaachisu hin dhiyaanne jechuunis komatu.
Komii baqattoonni Kaakumaa fi Dadaab himatan kana Dubbi Himtuu UNHCR ka damee Keeniyaa Yuujin Baayen gaafatamtee yoo deebistu; ‘UNHCR hanqina bajataa akka qabu’ eerte
Aguuggii afaanitti keeyatan ilaalchisee garuu, Dadaab fi Kaakumaattis baqattoonni hedduun waan kan omishaa jiru, garuu, bilisaan baqataaf hiruuf karoorri akka hin jirre eerani.
UNHCR baqattoota addunyaarra jiran balaa Kooronaa as dhufe kana jelaa oolchuuf qarqaarsa doolaara miiliyoona dhibba torbaa fi miiliyoona 45 ka gaafate yoo tahu; isa keessaa haga yoonaa dhibbeentaa 31 qofaa argachuu ibsa.