Itiyoophiyaatti Lakkoobsi Namoota Vaayirasii Koronaan Qabamanii Dhiheenya Dachaan Dabalaa Deemuun Yaaddesaa Tahuu Dubbate Mootummaan 

Ministirii Fayyaa Itoophiyaa

Lakkoobsi namoota Vaayirasii Kooronaatiin qabamanii magaalaa Finfinneetti eega torban tokkoo as dachaan dabalaan dabaluun yaaddessaa ta'uu Ministarri Fafyyaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Keessumaa kutaalee bulchiinsaa Lidataa fi Addis Katamaatti vaayirasiin kun daran waan hammaatee jiruuf tarkaanfiin of eeggannoo fi qajeelfamoonni bahan hojii irra oolfamuu qabu, jechuun hubachiisan - Daarektarri Komiyunikeeshiinii Ministara Fayyaa Itiyoophiyaa, Dr. Tegenee Raggaasaa. Gama biraan, konkolaachistoonni daangaa ce'uun tajaajila geejjibaa kennan Vaayirasii kanaaf saaxilamoodha tahuullee ibsan. Tatamsa’inni Vaayirasichaa akka babal’atuuf kan haala miijesse uummatni qajeelfamoota of irraa ittisaa bahan hojii irra oolchuu dagachuu dha, jedhan – Dr. Taganeen.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaatti Lakkoobsi Namoota Vaayirasii Koronaan Qabamanii Dhiheenya Dachaan Dabalaa Deemuun Yaaddesaa Tahuu Dubbate Mootummaan