Lammiiwwan Itiyoopiyaa Libaanoon Keessa Turan 300 Ol Gara Biyya Ofiitti Deebi’an

  • VOA

Faayilii - Godaantota Itoophiyaa bara 2017 biyyatti deebifaman

Lammiiwwan Itiyooopiyaa Libanon keessa turan 337 galmeen imalaa qophaa’eefii gara biyya ofiitti akka deebi’an taasisameera.

Har’a Beeruutii kan ba’an lammiiwwan Itiyooophiyaa kun gara biyya ofiitti deebi’uuf kana dura doolaara 550 baasanii kan turan yoo ta’u maallaqi isaanii guutummaan deebi’uufii isaa Libanonitti kan argamu waajjira qoonsilaa Itiyoophiyaa VOAf ibsee jira.

Gama biraan sochiin har’aa kun haala adda addaan kanneen rakkoo keessa jiranii fi lammiiwwan biyya ofiitti deebi’uu barbaadanniif abdachiisaa ta’uu koreen hoji raawwachiistuu hawaasa Itiyoopiyaa Lebanon keessaa ibsaniiru jedha gabaasi Abebayehu Gebeyehu.