Somaaliyaa Keessatti Reeffii Nama Saddeetii Argamee Jira

  • VOA

Maqaalaa Moqdishoo irraa ga kaabaatti kamiisa kaleessa reeffii hojjattoota tajaajiila eegumsa fayyaa 7 fi kan nama suuqii qabu tokko argamuu jiraattooota aangawootaa fi maanguddoota naannoo rifaasisee jira.

Ganda Golaaleey konyaa Bal'aadtti dhiyoo akkasumas magaalaa Moqdishoo irraa fageenya kiloo meetra 30 irratti bakka jiru kanatti dhiiroota uffata waraana mootummaa Somaaliyaa uuffataniin eega butamanii guyyaa tokko booda reeffii isaanii kun argamumaanguddonni naannoo dubbatanii jiru.

Ajjeechaa kanaaf ittigaafatama kan fudhate kan hin jirre yoo ta'u maanguddonnni garu gocha kana duuba looltoota mootummaatu jira jedhu.

Angawoonni naannoo sanaa garu kana haaluun Al-shabaabtu kana raawwate jedhu.