Uummanni Amerikaa Mirga Yaada Ofii Ibsachuuf Qabu Eeguu fi  Mirkaneessuun Fedha: Prezidaant Traamp

  • VOA

Prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp kamiisa kaleessaa midiyaa hawaasaa kan ilaaleen ajaja hoggana olaanaa baasaniii jiru.

Xinxaltonni akka jedhanti immoo kun seera biyyatti keessa darbee raggatii argatee hojii irra oola jedhanii hin yaadan.

Traamp maaliif tarkaanfii kan akka fudhatan gaafatamanii uummanni Amerikaa walaba ta'e yaada isaa ibsachuuf mirga qabu eeguuf akkasumas mirkaneessuuf jedhan,

Twiitar kamiisa kaleessa galgala ibsa baaseen Ajajii Traamp kennan siyaasaan kan guutamee fi gama marsariitiin carraa yaada ibsachuu fi walabummaa Interneetti sodaachisuuf yaalii ta'e jedhee jira