Dhalattoottoonni Qelleem Wallaggaa Biyya Ambaa Keessa Jiraatan Harka Qaleeyyii Dambi Dolloof Deggersa Godhan

  • Tuujubee Horaa
Godinni  Qellem wallaggaa erga waggoota dhiyoo as godinaalee dhiya wallaggaa sababaa nageenyaan kan ka’e uummati rakkoo hamaaf saaxilamee jiru keessaa ti.

Yeroo ammaa sababaa nageenyaa fi rakkoolee fafakkaataniin kan ka’e uummati hedduun aanaalee godina Qellem Wallaggaa jala jiran irraa gara DDtti dheessanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Dhalattoottoonni Qelleem Wallaggaa Biyya Ambaa Keessa Jiraatan Harka Qaleeyyii Dambi Dolloof Deggersa Godhan

Kanneen magaalattii keessa jiran namoota harka qalleeyyii dabalatee walumaa gala godinicha keessaa uummata kuma sagalitti hedamutu gargaarsa eeggataa jira.

Lammiin lammiif haa dhaqqabu jechuu dhaan dhalattoonnii fi jaallattoonni Qellem Walaggaa biyya ambaa keessa jiran hafuura waliin ga’uu dhaan maallaqa hanga tokko walitti fidanii kanneen kana deggeruuf walitti dhufan.

Dhalattoottoonni Qelleem Wallaggaa Biyya Ambaa Keessa Jiraatan Harka Qaleeyyii Dambi Dolloof Deggersa Godhan

Deggersa lammiiwwan kun walitti qabuun erganis afooshaaleen dhalattoota naannoo Sanaa bulchiinsa godinichaa waliin qindoominaan hojjechuun namoota kanaaf guyyaa borii gargaarsa kana raabsuuf qophaa’anii kan jiran ta’uu ibsaniiru.