Godina Hawaasi Oromoo Keessa jiraattu Daawwee Keessatti Haleellaan Raawwatame Miidhaa Dhaqqabsiise

  • VOA

Godina hawaasi Oromoo keessa jiraatu aanaa Dawwee Harwaa keessatti miseensota poolisii kanneen hojii ittisa vaayiresii koronaa fi bobba’anii fi jiraattota naannoo irratti dhukaasa banameen miidhaan dhaqqabuu poolisiin beeksisee jira.

Hleellaa kanaanis namoota afur irra miidhaa salphaa fi cimaan dhaqqabuu isaa itti aannaa itti gaafatamaan poolisii godinaa Sanaa komaander Mohammed Yaasiin VOAf ibsaniiru.

Haleellaan sun kan rawwatame kaleessa ta’uu ibsanii namoonni gocha kana raawwataman jedhamuun shakkaman to’annaa jala oolchuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu ibsaniiru jedha Mesfiin Arage Desee irraa.