Komishinarri Polisii Oromiyaa Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Kennan

  • VOA

Faayilii - magaala Finfinnee

Ajjeefamuu wellisaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa mormuun hiriira ba'amee irratti yoo xiqqaatee namnii 52 ajjeefamuu fi hedduun madaa'uu komishinarri polisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa ibsanii jiru.

Akka gabaasa ba'eetti namoonni hedduun kan ajjeefaman dhukaasaa fi tarkaanfii humnaa jabaa humnootii nageenyaa fi kanneen mormii gaggeessan giddutti gaggeeffameen ta'u ibsamee jira.

Guyyoota darban lamaan kana keessatti namoonni hedduun to'annaa jala akka oolan, miseensoonni paartii mormituu KFO fi hogganoonni siyaasaa kanneen biroon akka keessa jiran beekamee jira.

Polisiin akka jedhutti eegdoota Jawaar Mohammad fi polisiin kan walitti bu'an yoo ta'u kunis reeffa Haacaaluu Hundeessaa gara Ambootti geeffamaa yeroo tureetti akka ture ibsamee jira.