Manneen Barumsaa Banamuu Qabu: Prez.Traamp

  • VOA

Yunaaytid Isteetes keessatti lakkoobsii namoota vaayrasii koronaan qabamanii fi du'anii akkaan dabalaa kan jiru yoo ta'u biyyattiin gama kanaan addunyaa irratti sadarkaa duraa qabattee jirti.

Haala akkasii keessatti prezidaant Traamp manneen barnootaa baatii Hagayya ykn Fulbaana dhufu keessa deebi'anii banamuu qabu jechuun Kibxata kaleessaa gaafatan.

Kunis akka ta'uuf bulchitoota kutaalee fi kanneen biroo mara irratti dhiibbaa kan gochuuf jiran ta'u ibsan.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Manneen Barumsaa Banamuu Qabu: Prez.Traamp