Yunaaytid Isteetes Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa Keessaa Baate

  • VOA

Masaraan mootummaa Yunaaytid Isteetes Tokkummaa Mootummotaafa sirnaan akka beeksiiseetti dhukkubii Koviid-19 Amerikaa keessatti hammaataa kan jiru ta'uus biyyattiin jaarmayaa Fayyaa Addunyaa(WHO)keessaa of-baasuu ishee beeksisee jira.

Baatii Ebla dabree maallaqa Amerikaan jaarmayaa Fayyaa Addunyaaf laattu dhaabuu ishee prezidaant Traamp beeksisanii turan.

Kanaafis sababaa kennan jaarmayichii weerara vaayrasii koronaa fi Jijjiramnii akka ta'uuf gaaffii dhiyeessine irratti Chaayinaaf looga kan jedhu ture.

Jijjirama argamuu qabu gad fageenyaan lafa keenyee keessattis hirmaachuu akka qabnuus kan gaafanne ta'uus kana gochuu hin feene jedhan Traamp.

Jaarmayaan fayyaa addunyaa gama isaan akka jedhutti biyyi miseensa taate tokko keessaa ba'u dura beeksiisa waggaa tokkoo kennuu qabdi.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Yunaaytid Isteetes Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa Keessaa Baate