Baqataa Oromoo: Warri Sadaqaa Nuuf Kenuuyyuu Ifate

Your browser doesn’t support HTML5

Rakkoo Baqatoota Afrikaa, Yamanitti

Vaayrasiin koronaa jireenya godaantota Afrikaa Yaman keessa jiranii akka malee hammeessun gabaafame.

Jeequmsii fi waraanni Yaman keessatti oggaa jahaa oliif deema jiru lammiiwwan biyyatti sadeet keessaa tokko qehee ofii irraa buqa’ee achuma Yaman keessatti gar tokko goree akka jiraatu godhera.

Karaa biraatiin, baqattoota biyyoota Afrikaa 280,000 olitu Yaman jira. Harki caalaan isaanii lammiiwwan Sumaaleti.

Baqattoota kana hunda malees, godaantota gara 100,000 ta’anitu Oggaa oggaadhan biyyoota gaafa Afrikaa irraa geejiba galanarraatiin Yaman keessa darbanii Saawud Arabiyaa fi biyyoota kaan seenuf garas imala. Kana keessa, harkii caalaan lammiiwwan Itoophiyaati. Goodaantota kana, Harka dalaalootaatti hammeenya bayyetu irra gaha. Kaan dirqiidhan gudeeddaman, kaan akka malee dhaanaman.