Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa Dr. Abiy Ahimed Eertraa Daawwatanii Deebi’an

  • VOA

Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Dr. Abiy Ahimed guyyoota lamaaf Eertraa erga daawwatanii booda kaleessa Finfinneetti deebi’an

Akka gabaasa sabaa himaa biyya keessatti muummichi ministeerichaa fi jilli isaanii prezidaantii Eertraa Isaayyaas Afewerqii waliin marii geggeessaniiru.

Marii sambata darbe geggeessaniin prezidaant Isaayyaas Afewersqii fi muummichi ministeeraa Abiy Ahimed fooyya’ina argame fi danqaa waggoottan lamaan darban murtii nagaa seena qabeessaa fi michummaa biyyoota lamaan gidduutti irra ga’ame ilaalchisuun bara 2018 walii galtee mallatteeffame danqaa mudate xiinxalanii jiru jechuu dhaan ministeerri odeeffannoo Eertraa Yemane Gebremesqel twiiter irratti maxxansaniiru.
Muummichi ministeeraa Dr.Abiy Ahimed fi jilli isaanii projektiiww misooma qonnaa kan naannoo Gaas Baarkaa jiru daawwataniiru. Ennaa daawwannaa kanaas jila isaan waliin gamasitti imale, prezidaant Isaayyaasii fi angawoonni mootummaa gameeyyiin argamaniiru.

Yemaaneen twiter irratti akka beeksisanitti jilli kun miseensonni tajaajila biyyoolessaa marsaa 33ffaa eebbisiisuuf qophee agarsiisaa shaakala irra jiru daawwatee jira jedhan.