Sababaa Vaayirasii Koronaaf Jecha Daandiin Magaalaa Naqamtee fi Giddaa Ayyaanaa Wal-quunnamsiisu Guyyaa Muraasaaf Cufamuu tu Himama 

Magaalaa Ayyaanaa, Giddaa Ayyaanaa

Godina Wallagga Bahaa, aanaa kallattii Giddaa Ayyaanaarra jiran xiqqoo keessatti Lakkoobsi namoota Vaayirasii Koronaan qabamanii dabaluurraan kan kahe guyyoota muraasaaf dhorkaan geejjibaa taasisamuu Bulchaan Godinaa fi Walitti qabaan Koree Taask-foorsii Ittisa Vaayirasii Koroonaa godinichaa Obbo Asmaraa Ijaaraa himan.

Dhibee Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin jiraachuun isaa raggaasifame, namoonni “hin jiru” yokaan “dhimma siyaasaa ti” jechuun of dagachuu keessaa bahanii dhibee kanarraa of eeggachuu qaban, jedhu.

Hanga Kaleessaatti namoota 159 Hospitaala Rifaraala Yunivarsiitii Wallaggaa Keessatti yaalii Vaayirasii Koroonaa irra turan keessaa 57 dandamatanii bahuu Hospitaalichi beeksiseera.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Sababaa Vaayirasii Koronaaf Jecha Daandiin Magaalaa Naqamtee fi Giddaa Ayyaanaa Wal-quunnamsiisu Guyyaa Muraasaaf Cufamuu tu Himama