Mootummaan Naannoo Tigraay Dhalattoota Amaaraa Dararaa Jira: Koree eenyuummaa Walqaayit

  • VOA

Magaalaa Dinshoo fi Humeeraa keessatti mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay namoota gosa Amaaraa ta'an irratti dhiittaa mirga namoomaa geesisaa jira jechuun Koree eenyuummaa walqaayi kan Amaara Walqaayit himatee jira.

Dararaa kanas mootummaan Federaalaa gidduu seenee akka dhaabsisuuf mootummaan bulchiinsa naannoo gaafatee jira.

Dubbii himtuun bulchiinsa naannoo Tigraay Aaddee Liyaa Kaasaahimata dhiyaate fudhatama dhabsiisuun koree sanatu odeeffannoosobaa fi sirri hin taane facaasaa jechuu isaanii Asteer Misgaanaaw baahirdaar irraa gabaastee jirti