Prezidaant Traamp Sirna Walii Galtee Hariiroo Israa’elii, Tokkummaa Emireetota Arabaa fi Baahireen Qopheessuuf Jiran   

  • VOA

Prezidaant Doonaald Tramp sirna walii galtee hariiroo Israa’el, Tokkummaa Emireetota Arabaa fi Bahreen gidduu fooyyessuuf hra’a White House keessatti mallatteffamu keessimmeessuuf jiran.

Muummichi ministeeraa Beenjamiin Natanyaahuu, ministeerri dhimmootii alaa kan Tokkummaa Emireetota Arabaa Abdullaah bin Zayeed fi ministeerri haajaa alaa Baahireen Abdullaatiif Rashiid al Zayanii walii galtee sana White House keessatti mallatteessuuf jiran.

Israa’elii fi Tokkummaa Emireetota Arabaa jalqaba Hagayya 31 walii galtee irra kan ga’an yoo ta’u, kan biyya Juushotaaf walii galteen sirnaan beekkannaa kennu Baahireeniin kan mallatteeffame Jimaata darbe ture.

Akka walii galtee kanaatti muummichi ministeeraa Natanyaahuun West bankiin hanga koo dhuunfachuuf karoora jiru hambisuuf walii galaniiru. Taajjabdoonni akka jedhanitti garuu walii galteen kun mallattoo daran haala giddu galeessa bahaa keessaa jijjiiruu yoo ta’u, biyyoonni Arabaa itti dabalaa akkuma Israa’elitti siqaa deemaniin Faalisxiinonni moggaatti qoodamaa deemu jedhan.

Bulchiinsi dhaan filannoon prezidaantummaa Sadaasa sadii ga’uuf baatiin lama ennaa hafee jiru kanatti Tramp walii galteen Israa’el, Tokkummaa Emireetota Arabaa fi Baahireen gidduutti irra gaa’amuun akka injifannoo imaammata alaa argachuu ti jedhee jira.

Dimokraatichi mormituun Tramp Itti aanaa prezidaantiin duraanii Joo Baayiden akka jedhanitti gaaffii VOA dhiyeenyaaf deebii kennaniin biyyoonni itti dabalaa Israa’el waliin hariiroo qaban cimsuu kan deggeran yoo ta’u, Israa’el furmaata dhugaa kan biyyoota lamaa Faalisxiin waliin argamsiisuuf hojjechuu qabdi jedhan.