Haadha seeraa mana murtii walii galaa Yunaayitid Isteetis kan turan Ruut Baader Giinsbarg dubartii lammaffaa mana murtii kana keessa tajaajilan turan. Gara oguma seeraatti kan dhufan ennaa dubartoonni lakkoobsaan xiqqoo turan abukaatolee turanitti. Hojii isaanii irra hedduu kan dabarsan qixxummaan dubartootaa akka mirkanaa’u gochuu irratti yoo ta’u, haala hojii wal xaxaa ta’e keessatti beekkannaa argataniiru. Bitootessa 15, bara 1933 Birooklin Niw Yoork keessatti yoo dhalatan, umurii isaanii waggaa 87tti du’aan boqotan jedha gabaasi Juulii Taaboo.
Gama biraan ennaa lammiiwwan Ameerikaa du’a haada seeraa kanaaf gadda itti dhaga’ame ibsaa jiranitti prezidaant Doonaald Tramp nama bakka isaanii bu’u muuduuf dhaadachaa jiran. Dimokraatonni immoo murtii kana dura dhaabbachuuf falmaa jiran.
Your browser doesn’t support HTML5