Itiyoophiyaatti Manneen Barnootaa Ulaagaa Ittiisa  Vaayirasii Koronaa Guutan Ni Banamu, Jedha Mootummaan   

  • VOA

Faayilii - Barattoota qormaata fudhatan

Manneen barnootaa haal-dureewwan of irraa ittisa COVID 19 guutanii argaman akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Onkoloolessa sagal irraa jalqabee hanga Onkoloolessa soddoma bara kuma lamaa kudha sadiitti akka dabaree dabareen banaman mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Iskindiir Fireew Daarektara Koomiyunikeeshinii Ministirii Barnootaa Itiyoophiyaa , Areguwaa Maammoo haasofsiisuun akka gabaasetti, manneen barnootaa aanaalee fi gandeen magaalaalee Baadiyyaa keessa jiran marsaa duraatti, Onkoloolessa sagal banamuuf jiran.

Kanneen magaalee bulchiisa naannoo fi godinaalee keessa jiran marti immoo, marsaa lammataatti Onkoloolessa 16, bara 2013 akka banaman Ministarri barnootaa beeksisee jira.

Karoorri Ministirichaa akka agarsiisutti, manneen barnootaa, magaalaa Finfinnee fi godinaa addaa Oromiyaa keessa jiran immoo marsaa sadaffaatti, Onkoloolessa soddoma bara kuma lamaa fi kudha sadii banamu.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaatti Manneen Barnootaa Ulaagaa Ittiisa  Vaayirasii Koronaa Guutan Ni Banamu, Jedha Mootummaan

Waa’ee Deebisanii Banuu Manneen Barnootaa Namoonni Maal jedhu?

Kanneen magaalaa Amboo fi Finfinnee keessa jiraatan maatii fi barattootni tokko tokko, Ministiriin Barnootaa akka manneen barnootaa banamanii barnootni eegalamu murteessuun tarkaanfii sirrii tahus, haala itti Vaayirasii Koronaa hin babal’isnetti tahuu qaba jedhan.

Maatiin barattootaa, hanga dhibeen COVID 19 sadarkaan yaaddessummaa isaa gadi hir’atutti Manni Barumsaa banamuu hin qabu, jedhanillee ni jiran. Naakoor Malkaa Ambo irraa, Tsehay Daamxoo Finfinnee irraa, yaada uummataa walitti-qaban.

Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Waa’ee Deebisanii Banuu Manneen Barnootaa Namoonni Maal jedhu?