WAASHINGITAN, DIISII —
Manni-maree bulchiisa naannoo Tigiraay kora isaa torban dabre geggeesseen, paartiileen filannootti hirmaatanii garuu barcuma argachuu hin danda’iin hafan, paarlaamaa haaraa amma filatame keessatti sagalee malee barcumoota kudha shaniin akka qooda fudhatan labsii bahe, sagalee wayyabaan raggaasisee jira.
Murtii kana Paartiin Bilisummaa Tigiraay fi Paartiin Dimookiraasummaa Asiimbaa Simatanii jiran. Paartiin Saalsaay Weyyaanee Tigraay immoo, “kun ka deemsa dimookiraasii dadhabsiisu,” jechuun morme immoo.
Paartiin ka biraan “Baayitoonaa Paartii” jedhamu, walga’ii dhuma torban kanaa irra geggeeffatu irratti ejjennoo isaa akka beeksisu dubbate.
Gabaasaa guutuu caqasaa
Your browser doesn’t support HTML5