FINFINNEE —
Guyyaan ijjoollee dubraa idil-addunyaa kaaleessa sadarkaa addunyaatti kabajamee jira.
Kabajamuu guyyichaa ilaalchisuun shamarran biyyattii irra dhiibbaan jiru maal fakkaata, jechuun VOAn namoota tokko tokko dubbisee jira. Rakkoon guddaan shamaran akka bakka yaadan hin geenye ka taasisu tokko shamaran irratti amantaan dhibuu akka tahe dubbatu namoonni kun.
Shamarran barnootaan cimanii galma kaawwatan bira akka hin geenyeef dhiibbaan maatii irraa eegalee hanga hawaasa bal'aatti irra kaa’amu qooda guuddaa hubachiisan.
Your browser doesn’t support HTML5