Naannoon Somaalee, Godinaaleen Oromiyaa Ollaa fi Dirre Dhawaan Haala Itti Gamtaan Weerara Hawaannisaa Ittisan Irratti Mari’atan  

  • VOA

Ministera Qonnaa, Obbo Umar Huseen

Naannooleen Itiyoophiyaa gama Bahaa wal daangessan, weerara Hawaannisaa itti dhufu waliin qindaa’anii of irraa ittisuu akka qaban himamee jira.

Ministarri Qonnaa, Obbo Umar Huseen hoogganoota naannoo Somaalee, kan naannoo oromiyaa – godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa akkasumas, ka magaalaa Dirre Dhawaa walitti-qabuudhaan, haala itti waliin weerara Hawaannisaa ittisuun danda’amu irratti mari’achiisan.

Weerarri Hawaannisaa ka daangaa cehee miidhu waan taheef naannoolee Itiyoophiyaa wal-daangessan walitti fidanii hojjechuu qofa otuu hin taane, Itiyoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliinillee qindeeffattee of irraa ittisuun barbaachisaa akka tahe dubbatan, Obbo Umar, jedha gabaasni Addis Chakkol Dirree Dawaa irra erge.

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoon Somaalee, Godinaaleen Oromiyaa Ollaa fi Dirre Dhawaan Haala Itti Gamtaan Weerara Hawaannisaa Ittisan Irratti Mari’atan