Gareeleen Mormituu Tanzaniyaa Ba’ii Filannoo Prezidaantummaa Fudhatama Dhabsiisan  

  • VOA

Mormitoonni filannoo Taanzaaniyaa keessatti geggeessame, “kan seeraa alaa fi waliin dhahinsaan guutame,” jechuun fudhatama dhorkatan. Mormituun Prezidaantichaa Tunduu Lissuu lakkoobsa ba’ii saglee kennamee kan Roobii darbee akka hin simanne hawaasa addunyaaf waamicha godhaniiru.

Filannoo Roobii darbe geggeessameen lammiiwwan Taanzaaniyaa sagalee kennanii guyyaa tokko booda hoogganoonni garee mormituu biyyattii Afriikaa dhiyaa adeemsa walii gala kan filannoo Sanaa akka hin simanne dubbatan. Kaadhimamaa paartii mormituu kan ta’an Tunduu Lissuu tuuta oduuf kamisa kaleessaa Daareselaam keessatti ibsa kennaniin ba’iin filannoo Sanaa hojii seeraan alaan waan guutameef qaamotiin sadarka addunyaa tarkaanfii akka fudhatan gaafataniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gareeleen Mormituu Tanzaniyaa Ba’ii Filannoo Prezidaantummaa Fudhatama Dhabsiisan