Itti aanaa prezidaantiin mootummaa naannoo Amaaraa obbo Temesgen Xurunaa, nagaa dhaan gara naannoo Amaaraa kan seenan humna addaa fi miseensota milishaa naannoo Tigraayiif wabii kan kennan ta’uu dubbatan. Giti isaanii kan Oromiyaas awwaalchi IWEHAT ni raawwatama jedhan.
Your browser doesn’t support HTML5
Itti aanaa prezidaantiin mootummaa naannoo Amaaraa Har’a TV naannoo Amaaraa irratti dhiyaachuun ibsa kennaniin naannoon Amaaraa haleellaa IWEHAT biraa dhaqqabu kamiinu of irraa deebisuu danda’a jedhan. Obbo Temesgen miseensota raayyaa ittisa biyyaa kana dura manatti deebi’aniif illee waamicha godhaniiru. Hawasichi naannoo isaa keessumaa manneen amantiif cimsee eegumsa akka godhu komiishinni poolisii naannoo Amaaraa waamicha dabarseera.